Gaaffii
Maaliif namoonni waggaa dheeraa jiraachuu danda鈥檃n?
Deebii
Kara tokkoon dhoksaa fakkaata, Seera uumama irratti boqonnaa duraa irratti namoonni umurii amma kanaa jiraachuu isaanii yaad-rimee heedduu beektoota macaafaatiin beektoota macaafaatiin dhihaateera. Seera uumamaa boqonnaa 5 irratti hidda dhalootaa tarreefamni isaa sanyii gaarii addaa teesiseera Masihicha kan dhalee hidda dhalootaa isaa. Waaqayyoo hidda kana eebbiseera, bifa adda ta鈥檈 umurii dheeraadhaan, garuumaa saanitii fi sababa aboomamuu isaanitiin. kun ibsa yaadamu yeroo ta鈥檜u, macaafni qulqulluun bakka kamitti iyyuu umurii dheeraa hin murteesine, Uumama boqonnaa 5 irratti kan eerame namoonni. Dabalataanis Heenook irraa kan hafee, Uumama boqonnaa 5 gaarummaa addaa namootni dhuunfaan qaban tokkoon isaani illee hin eeramne. Ta鈥檜u kan qabuu yeroo sanaa fi sa鈥檃tti sanatti kan jiraatu hundumtuu waggaa dhibba heedduu kan jiraatanii dha. Kanaafis sababi heedduun eeramuu danda鈥檃.
Seera Uumamaa 1:6-7 bishaanichi baay鈥檈e ol ka鈥檜u isaa ni eera. Bishaan lafa uwisu. Kana kan fakkaatan uwwisi bishaanii qilleensa naannoo irratti (greenhaouse) dhiibbaa uuma, baayinaan ifa dhorka, amma lafa irratti kan ba鈥檜. Kunnis jireenyatti kan tursuu haaloota argamsiisa. Uumama 7:11 kan inni argisiisuu yeroo bishaan badiisaatti, uwwisii bishaanii lafa irratti ni dhangala鈥檃 ture haala jireenyatti jiraachuudhaan kan gahuu. Bishaan badiisaa fuul dura barri jireenyatti turan (Uumama 5:1-32) kan bishaan badiisaatii asii (Uumamaa 11:10-32) wal bira qabaa. Bishaan badiisaa booda akkuma sanaan umuriin namaa haala nama ajaa鈥檌bsisuun gadi bu鈥檈era. Kan biraan immoo tilmaama keessa kan galu uumama boodee dhaloota jalqabaa muraasa, kan namootaa sanyi adda kan baasuu irratti hir鈥檌nni muraasi gabachaa dhufeera. Addaamii fi Heewwan mudaa kan hin qabne ta鈥檃niti kan uumaman. Isaan dhugumatti dhukkubaa fi dhibbee kan dandamatan turan. Sanyiin isaanis faayidaa kana dhaalani turan, ammam illee haala xiqqateen yoo ta鈥檈s. Yeroo booda, sababa cubbuutiin kan namootaa sanyi adda kan baasuu badiisi isaa dabalaa dhufe, akkasumas ijoolleen namaa du鈥檃a fi dhukkubaaf baay鈥檈e saaxila kan ba鈥檃n ta鈥檃n. Kunnis jireenyatti yeroon turmaataa haala hammaataadhaan hir鈥檃te.
English
Maaliif namoonni waggaa dheeraa jiraachuu danda鈥檃n?